1Faarfannaa ol baʼuu. Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo, warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu, Waaqayyoon galateeffadhaa.
2Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii Waaqayyoon galateeffadhaa.
3Waaqayyo samii fi lafa uume sun Xiyoon irraa isin haa eebbisu.