1Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi.
2Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
3Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
4Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
5Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
6Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii.
7Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.