1Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
2Xiyyooliin kee na waraananiiru; harki kees akka malee natti ulfaateera.
3Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.
4Cubbuun koo na liqimseeraatii; akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.
5Sababii gowwummaa kootiitiif, madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.
6Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; guyyaa guutuus gaddaan oola.
7Dugdi koo na bobaʼa; dhagni koos fayyaa hin qabu.
8Ani laafeera; akka malees bututeera; garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.
9Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu.
10Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; ifni ija kootiis badeera.
11Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.
12Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; guyyaa guutuus hammina natti yaadu.
13Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.
14Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.
15Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha; yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.
16Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan hin eeyyamin” jedheeraatii.
17Ani kufuu gaʼeeraatii; dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.
18Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.
19Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.
20Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.
21Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin; yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.
22Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, na gargaaruudhaaf ariifadhu!