1Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
2Yeroo ani dhiphadhetti, fuula kee na duraa hin dhoksin. Gurra kee gara kootti deebisi; yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
3Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
4Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
5Sababii ani guddisee aaduuf, lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
6Ani akka urunguu gammoojjii, akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
7Ani hirriba malee nan bula; akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
8Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
9Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
10kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
11Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera.
12Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
13Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
14Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; biyyoo ishees ni mararfatu.
15Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
16Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii; ulfina isaatiinis ni mulʼata.
17Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu.
18Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf, wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
19“ Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; samii irraas gara lafaa gad milʼate;
20kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
21Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti, galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
22kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
23Inni jabina koo karaatti hambise; umurii koos ni gabaabse.
24Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
25Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
26Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu.
27Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
28Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”