1Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
2yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
3Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
4Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta.
5Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha.
6Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
7Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii.
8Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.