1Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
2isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne.
3Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan.
4Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
5Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
6Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
7namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
8Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.