1Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
2Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
3Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
4Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
5Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
6Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
7Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
8Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
9Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.