1Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
2Marii jalʼootaa duraa, mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
3Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
4Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
5Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
6Isaanis jalʼina yaaduudhaan, “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
7Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
8Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
9Namoonni hundinuu ni sodaatu; isaan hojii Waaqaa ni labsu; waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
10Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; isattis kooluu gala; gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.