1Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
2utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
3yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
4lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
5bishaan hamaan nu fudhatee bada ture.
6Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
7Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane.
8Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.