1Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa?
2Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa.
3Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu;
4dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.
5Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
6guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu.
7Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega;
8Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.