1Faarfannaa. Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.
2Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera; qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.
3Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa mana Israaʼeliif yaadateera; daariin lafaa hundinuu, fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.
4Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa; faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;
5baganaadhaan faarfannaa galataa, baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;
6malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.
7Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.
8Lageen harka isaanii haa rurrukutan; tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;
9isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.