1Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, nu si galateeffanna; sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina; namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.
2Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha; kan qajeelummaadhaan muru ana.
3Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti, kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.
4Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’ Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.
5Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa; morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ ”
6Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.
7Garuu kan murtii kennu Waaqa; inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.
8Harka Waaqayyoo keessa, xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame kan hoomachaan guutame tokkotu jira; inni wayinii sana gad naqa; hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin xuruurfatanii dhugu.
9Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa; Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.
10Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa; gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.