1Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu;
2kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
3Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
4Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
5Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
6Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
7Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.