1Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba.
2Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.
3Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.
4Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.
5Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.
6Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
7Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
8Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba.
9Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
10Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu.
11Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.