1Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
2Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
3Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; ulfinaa fi surraa uffadhu.
4Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
5Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
6Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
7Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
8Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
9Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee karaa harka mirga keetii dhaabatti.
10Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
11Mootiin miidhagina kee hawwa; waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
12Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
13Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
14Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti; durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.
15Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; masaraa mootichaas ni seenu.
16Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
17Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.