1Faarfannaa Daawit. Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
2Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
3Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu; biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
4Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta.
5Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
6Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
7Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
8Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
9Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
10Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
11Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
12Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu;
13Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
14Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
15Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba.
16Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
17humni hamootaa ni cabaatii; Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
18Waaqayyo bara tolootaa ni beeka; dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
19Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; bara beelaa keessas ni quufu.
20Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
21Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
22warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu; warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
23Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
24Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
25Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
26Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
27Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; yoos ati bara baraan ni jiraatta.
28Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii; warra isaaf amanamanis hin gatu. Isaanis bara baraan ni eegamu; sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
29Qajeeltonni lafa ni dhaalu; bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
30Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
31Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; miilli isaas hin mucucaatu.
32Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; isaan ajjeesuus ni barbaadu;
33Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
34Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi. Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; atis badiisa hamootaa ni argita.
35Nama hamaa fi gara jabeessa, isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
36Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
37Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii.
38Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; galgalli nama hamaas hin tolu.
39Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa; inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
40Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas; harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.