1Faarfannaa Daawit. Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
2Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
3Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira; Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
4Sagaleen Waaqayyoo humna qaba; sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
5Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa; Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
6Inni Libaanoonin akka jabbiitti, Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
7Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
8Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa; Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
9Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira; bosonas qullaatti hambisa. Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
10Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
11Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.