1Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.
2Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;
3jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
4Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
5ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu.
6Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
7Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
8Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
9Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
10warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
11Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi.
12Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.