1Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
2Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
3Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.
4Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
5Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu.
6Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.
7Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
8Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
9Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.
10Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
11Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
12Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
13Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa.
14Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
15Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata.
16Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
17Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
18Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
19Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
20Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.