1Maaskiilii Daawit Ani gara Waaqayyotti nan iyya; sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.
2Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa; dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
3Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu, situ karaa koo beeka. Namoonni daandii ani deemu irra, kiyyoo naa kaaʼaniiru.
4Gara mirga koo ilaali; argis; namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru; ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu; namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
5Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha; “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
6Ani abdii kutadheeraatii, kadhannaa koo naa dhagaʼi; warra na ariʼatan jalaa na baasi; isaan akka malee natti cimaniiruutii.
7Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf, lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi. Sababii ati waan gaarii naa gooteef, qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.