1Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
3Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
4inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
5inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
6inni bishaanota irratti lafa diriirse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
7inni ifa gurguddaa hojjete; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
8inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
9inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
10inni hangafa Gibxi dhaʼe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
11inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
12harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
13inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
14inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
15Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
16inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
17inni mootota gurguddaa dhaʼe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
18inni mootota jajjaboo fixe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
19inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
20inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
21inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
22dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
23Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
24inni harka diinota keenyaatii nu baase, Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
25inni uumama hundaaf soora kenna; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
26Waaqa samiitiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.