1Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
2Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
3Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
4Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama.
5Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
6ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.