1Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
2Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
3Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
4Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
5Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
6gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
8Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
10Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
11Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa;
13inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa.
14Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu.
15Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu.
16Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.
17Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;
18nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.