1Faarfannaa Galataa. Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.
2Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
3Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
4Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
5Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.