1Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
2Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
3Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
4Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
5Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume.
6Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
7inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
8akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
9abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan.
10Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
11Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.