1Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
2Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta.
3Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru; galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
4Sagalee bishaan baayʼee caalaa, jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
5Seerri kee jabaatee ni dhaabata; Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan faaya mana keetii ti.