1Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
2Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
3Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
4Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
5Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
6golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
7Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu.
8Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita.
9Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
10wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
11Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
12isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu.
13Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
14Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
15Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
16Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.”