1Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
2Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri badii koo hawwan hundi qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
3Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan; warri fayyisuu kee jaallatan, yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
5Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqayyo hin turin.