1Faarfannaa Daawit. Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
2Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
3inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.
4Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
5Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
6Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.