1Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
2Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
3Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
4Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
5Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
6Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.