1Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi.
2Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
3Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada.
4Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
5Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa.
6Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
7Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha.
8Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
9Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata;
10ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.
11Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.