1Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.
2Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.
3Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;
4dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.
5Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.
6Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.