1Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
2Waaqayyo yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
3Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
4Warri hammina hojjetan kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
5Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.
6Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.
7Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!