1Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
2Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
3Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
4Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
5Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
6Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
7kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf;
8mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
9murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.