1Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
2Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
3“Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu.
4Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
5kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne:
7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
8‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”
10Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin.
11Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
13Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
16Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
18Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”