1Faarfannaa Daawit. Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha; Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.
2Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha; ati yoom gara koo dhufta? Ani garaa qulqulluudhaan, mana koo nan jiraadha.
3Ani ija koo dura, waan hamaa hin kaaʼu. Hojii jalʼootaa nan jibba; nattis hin qabatu.
4Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan; ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.
5Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, ani afaan nan qabachiisa; nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, ani obsa hin qabaadhu.
6Akka isaan na wajjin jiraataniif, iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.
7Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu mana koo keessa hin jiraatu; namni soba dubbatu tokko iyyuu fuula koo dura hin dhaabatu.
8Ani jalʼoota biyyattii hunda, ganama ganama nan barbadeessa; warra waan hamaa hojjetan magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.